Fana: At a Speed of Life!

Shaapiyoonaan Ispoortii aadaa Oromiyaa eegalame

Finfinnee, Amajjii 14, 2014 (FBC) –Shaampiyoonaan Ispoortii Aadaa fi Feestivaalli Aadaa Oromiyaa guyyoota 10f turu Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinnee, Magaalaa Sandaafaatti eegalamuu Biiroon Dargaggootaa fi Ispoortii naannoo Oromiyaa beeksise.
Shaampiyoonaan Ispoortii aadaa 27ffaa fi Feestivaalli Aadaa 12fffaan akkaakuuwwan Ispoortii garaagaraan gaggeeffamu eegalamuu Hoggantuun Biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Oromiyaa Aadde Saamiyaa Abdallaa ibsaniiru.
Shaampiyoonaa baranaa kanarraatti godinaaleen Oromiyaa 21 fi magaaloonni 18 ni hirmaatu jedhan.
Shaampiyoonichi gandaa kaasee hanga godinaatti sadarkaa sadarkaan gaggeeffamaa turuus eeraniiru.
Shaampiyoonichi ispoortiin aadaa dhalootaa dhalootatti akka darbuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Maddi:-DhPI
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.