Fana: At a Speed of Life!

Shaashamannee fi Cirootti sagantaan Afxaraa gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2016 (FBC) – Magaalaa Shaashamannee fi Cirootti sagantaan Afxaraa gaggeeffameera.

Magaalaa Cirootti Sagantaan Afxaraa daandiirraa hordoftoota amantaalee garagaraa hirmaachise gaggeeffameera .

Bulchituu Godina Harargee Lixaa Aadde aadde Ikraam Xahaa fi Kantiiba Bulchiinsa Magaalaa Ciroo Obbo Mahaammad Umar dabalatee hordoftoonni Amantaalee adda addaa saganticharratti argamaniiru.

Baankiin hojii Gamtaa Oromiyaa Magaalaa Shaashamannee sagantaa Afxaraa kan qopheesse yoo ta’uu, Pireezidaantii Baankichaa Obbo Darribee Asfaawu fi hordoftoonni Amantaa Musliimaa saganticharratti hirmaataniiru.

Tasfaayee Ijjiguu fi Jamaal Kadiirootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.