Fana: At a Speed of Life!

Sirna bulchiinsa ragaa barnootaa fooyyeessuuf hojjetamaa jiraachuu himame

Finfinnee, Sadaasa 21, 2013 (FBC) – Sirna bulchiinsa ragaa barnootaa fooyyeessuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Barnootaa beeksise.
Sirna bulchiinsa ragaa barnootaa fooyyeessuuf hojjetamaa jiraachuu bakka bu’aan daayreektoreetii daayreektara Sirna bulchiinsa ragaa barnootaa obbo Sabsib Lammaan himaniiru.
Ministeerri Barnootaa sirna ragaa sassaabuu bifa dura ture sirreessuu fi yaadoota haaraa dabaluun haala fooyyee qabuun qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Hojii fooyya’iinsa sirna bulchiinsa ragaa barnootaa kanarratti Ministeera Barnootaa fi biiroolee barnootaa naannoo hunda keessaa ogeeyyiin walitti babba’an hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.
Fooyya’iinsi hojjetamaa jiru sirna ragaa sassaabuu akka damee barnootaatti muul’atu ni fura jedhamee kan eeggamu ta’uu ragaan Ministeera Barnootarraa argame ni muul’isa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.