Fana: At a Speed of Life!

Sirna fayyaa cimsuuf walitti hidhamiinsa tajaajila dhaabbilee fayyaa cimsuu barbaachisa jedhame

Finfinnee, Bitootessa 15, 2015 (FBC)- Sirna fayyaa cimsuuf walitti hidhamiinsa tajaajila dhaabbilee fayyaa cimsuu akka barbaachisu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sirna Fayyaa cimsuu fi walitti hdhamiinsaa tajaajila dhaabbilee fayyaa keessumaa, haadholii, daa’imman, dargaggootaa guddatoo fi fayyaa walhormaataa waliingahuuf sirna dandeessisu diriirsuuf waltajjiin eegalchiisa sagantichaa gaggeeffameera.

Gorsaan Ministir Deetaa Damee Sirna Fayyaa fi Ijaarsa Dandeettii Ministeera Fayyaa Dooktar Dassaalanyi Baqqalaa, qulqullina fayyaa eegsisuu fi cimsuuf, imammata eegumsa fayyaa fi nageenyummaa damechaa mirkaneessuu hojiirra oolchuu fi tajaajiloota fayyaa bu’uura ta’an deeggaruuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Dabalataanis, dhimmoota tarsiimawoo irratti walta’iinsaan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Ityoophiyaatti Daayrtektarri Inistitiyuutii Fooyya’iinsa Eegumsa Fayyaaf (IHI) Dooktar Abiyyuu Kifilee gama isaanii sirna fayyaa qulqullina giddugaleeffate haadholii, daa’immanii fi dargaggoota guddatoo akkasumas sirna soorataa fi tajaajila sirna da’umsaa fooyyessuun akka barbaachisuu dubbataniiru.

Naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Kibbaa fi Afaar Aanaalee filatamanitti waggoottan sadan dhufan biirolee fayyaa naannolee waliin hojjechuuf hojiirra oolmaa sagantichaaf Faawundeeshiniin Biilii fi Meliindaa Geetsi deeggarsa Doolaara miiliyooa 4.5 kan ramadame ta’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.