Fana: At a Speed of Life!

Sirni badhaasa ‘Gadisa Award’ geggeeffameen barreessitoonni gameeyyiin badhaafaman

Finfinnee, Adoolessa 23, 2014 (FBC) – Sirni badhaasicha, Badhaasa Gaaddisaa (Gadisa Award) kan Waldaa Barreessitoota Oromiyaan qophaa’e guyyaa har’aa Finfinnee Hoteela Intarnaashinaalii Ililliitti gaggeefamaa jira.

Sirna badhaasa Gadisa Award kanarratti barreessitoota, hayyoota seenaa, jaarsolii biyyaa fi keessummoonni garaagaraa argamaniiru.
Badhaasni kun badhaasa umurii guutuu dabalatee barreessitoota hangafaa fi sadarkaa adda addaa irra jiraniif kennameera.

Badhaasa umrii guutuu jedhamuun kan badhaafaman Obbo Masqaluu Baalchaa, barreessaa asoosama “Godaannisaa” Dhaabaa Wayyeessaa fi barreessistoota asoosamoota kanneen akka Obbo Xahaa Abdii, Isaayyaas hordofaa, kanneen badhaafamn keessaa ta’uun ibsameer.

Wallee barreessuudhaan immoo Obbo Abdii Qophee badhaafamaniiru.

kana malees, barreessitoonni dhaloota ammaa biroon badhaafamaniiru.

Waldaan Barreessitoota Oromiyaa ogbarruu Oromoorratti xiyyeeffachuun barreessistootaa diraamaa, asoosamaa, walaloo fi kanneen biroo yoo badhasu kun kan jalqabaa ta’uu beeksisee turuun ni yaadatama.

Mulugeetaa Girmaa fi Jaalallii Hayiluutu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.