Fana: At a Speed of Life!

Sirni baniinsa agarsiisa guyyaa sabaa fi sablammootaa magaalaa Finfinnee Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 24, 2013 (FBC) – Guyyaa sabaa fi sablammootaa 15ffaa sababeeffachuun sirni baniinsa agarsiisaa sabaa fi sablammootaa magaalaa Finfinnee Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti gaggeeffameera.

Guyyaan sabaa fi sablammootaa 15ffaan mata duree ‘walqixummaa fi tokkummaa sabdaneessaa Badhaadhinaa waloof’ jedhuun  dhimmoota hariiroo fi tokkummaa sabaa fi sablammoota Ityoophiyaa cimsuu danda’an irratti agarsiifni ni dhiyaata jedhameera.

Af yaa’iin Mana Maree Federeeshinni obbo Adam Faaraah agarsiifni kun aadaa, seenaa fi tokkummaa ummattoota Ityoophiyaa beeksisuuf kan gargaaru ta’uu ibsan.

Ityoophiyaan biyya sabdaneessaa ta’uu ishee eeruun, enyummaan waloon qabnu hedduu ta’uu kaasaniiru.

Walqixummaa fi tokkummaa sabdaneessaa biyyaalessaa cimsuuf sabaa fi sablammootaaf walqixa carraa laachuun murteessadha jedhan.

Ityoophiyaan biyya ummata addaa fi boonsaa qabdu ta’uu  Af yaa’iin Mana Maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Zarfeshawaal Niguseen ibsaniiru.

Kanaaf ammoo injifannoon Adwaa ragaadha jedhan.

Badhaadhina Ityoophiyaaf irree gamtoomeen ni hojjetanna jechuu isaanii ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni agarsiisa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.