Fana: At a Speed of Life!

Sirni sagantaa tajaajila hawaasaa; tola oltummaa biyyaalessaa ifoomsu Dilbata dhufu gaggeeffama

Finfinnee, Gurraandhala 13, 2012 (FBC) – Sirni sagantaa tajaajila hawaasaa; tola oltummaa biyyaalessaa ifoomsu Dilbata dhufu gaggeeffama.

Sagantichi kan gaggeeffamu Dilbata dhufu Gurraandhala 15, 2012 bakka muummeen ministira Dooktar Abiy Ahimad argamanittidha.

Sirnicha ilaalchisuun Ministeerri Nageenya guyyaa har’aa ibsa laateera.

Dargaggoonni damee ogummaa leenji’aniin bakka garagaraa fi iddoo dhalatanirraa fagaatanii kutaalee biyyattii garagaraatti tajaajila akka kennan ibsamera.

Kanaanis aadaa waliin jireenyaa kan horatanii fi carraan isaan gara hojiitti ittiin galan ni bal’ata jedhameera.

Hanga ammaatti dargaggoonni kuma 100 galmaa’uu fi moojuulli leenjii qophaa’unis ibsamera.

Marsaa jalqabaati kan hirmaatan dargaggoota 2000 ol simachuuf qophiin xumurameera.

Dargaggoota kakaasuuf ambaasaaddarri tola ooltummaa filatameera.

Siistar Zabiidar Zawdee, hojjetaa wangeelaa Yoonaataan Akliiluu , Ustaaz Yaasiin Nuurii fi aadde Filsan Abdullaah ambaasaaddara ta’uun filatamaniiru.

Dargaggoonni bakka adeemanitti deeggarsa hawaasaa bakka barbaachisu hunda ni taajaajilu jedhame.

Haabtaamuu Taklasillaasetu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.