Fana: At a Speed of Life!

Sirni sassaabbii gibiraa ammayyaa’uu qaba- Obbo Dammaqaa Makonnin

Finfinnee, Bitootessa 10, 2015(FBC)- Sirni sassaabbii gibiraa jalqabbii gaarii ta’us daran ammayyaa’uufi sirrachuu qaba jedhan Ittaanaan Muummee Ministiraafi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin.

Obbo Dammaqaa Makonnin haasawaa sagantaa jalqabsiisa sosochii galii gibiraafi beekamtii kennuu magaalaa Finfinneerratti taasisaniin, waggoottan darbanitti damee kanaan hojiilee bu’aa qabeessi hojjetamuu ibsaniiru.

Magaalaan Finfinnee daran akka guddattuuf dandeettiin galii magaalichaa guddachuu akka qabuufi misoomni waaraa galii kanarratti hundaa’e mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Galii haalaan walitti qabuuf hojiimaata galii walitti qabuu hojiimaata badaarraa bilisa ta’eefi ammayyaa diriirsuuniifi hojiimaata ammayyaa eegalaman daran cimsuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Gibira kaffaluun dirqama ta’uu hubachuun kaffaltoota gibiraa amanamoo hojiisaanii daran cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

Shaambal Mihiiratitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.