Fana: At a Speed of Life!

Somaaliyaatti Alshabaabiin gama dhadhabsiisuun gumaachi humnoonni kabachiisa nagaa Ityoophiyaa olaanaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015 (FBC) –Alshabaabiin dadhabsiisuu fi dhabamsiisuuf gaheen humnoota nagaa kabachiisaa Ityoophiyaa olaanaadha jechuun Ajajaan Olaanaa Birgeedii 43ffaa Raayyaa Biyyaalessaa Somaaliyaa Birgaadeer Jeneraal Alii Mahaammad ibsan.

Birgaadeer Jeneraal Alii Mahaammad hoggantoota olaanoo raayyaa nageenyaa kabachiisaa mootaraayizdii 7ffaa Ityoophiyaa waliin dhimmoota yeroorratti mari’ataniiru.

Birgaadeer Jeneraal Alii Mahaammad akka jedhanitti, sadarkaa guddina diinagdee fi hawaasummaa Somaaliyaa miidhuu bira darbee lubbuu lammiilee nagaa dabarsuun gochaalee guyyuu garee shororkeessaa Alshabaab ta’uu himaniiru.

Miseensonnii fi hoggantoonni ajajaa kumaa nagaa kabachiisaa mootaraayizii 7ffaa Ityoophiyaa Somaaliyaatti nageenyi akka mirkanaa’uuf gumaachi taasisaa jiraan olaanaa ta’uu eeruun, tokkummaa jiru cimsuun hojiileen Alshabaabiin dadhabsiisuu Kismaayyootti gaggeeffamu cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Ajajaan Olaanaan Kutaa Ajaaja Kumaa Mootaraazdii 7ffaa Koloneel Wadaaj Boggaalaa gama isaaniin, ergama isaanitti kennamee keessaa mootummaa Somaaliyaa fi humnoota nageenyaa cimsuu fi deeggaruu ta’uu himanii, kanaas bu’aa olaanaa argamsiisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.