Fana: At a Speed of Life!

Sooressa abbaa karraa loon 800 horatan

Finfinnee, Hagayya 22, 2015 (FBC) – Godina Arsii Lixaatti Sooressa abbaa karraa loon 800 horatan.

Hawaasni Oromoo jiruufi jireenya ofii kan gaggeessu maloota garagaraaatiin. Isaan keessaa tokko horsiisa looniiti.

Godina Arsii Lixaatti horii horsiisuun abbaa karraa jedhamuun maanguddoo loon 800 horsiisuun yeroo amma bekkamantu jiru.

Obbo Jaarsoo Deesisoo Baatiin Dhalatanii kan guddatan Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaa Ganda Siinqillee Guurii jedhamutti.

Obbo Jaarsoo Deesisoo yeroo ammaa umriin isaanii waggaa 75 ta’eera.

Obbo Jaarsoon haadha manaa shan kan qabanii fi ijoollee 52 horataniiru.

Obbo Jaarsoon Sooressa abbaa karraa Loon 800 ta’antuu mooraa isaanii keessa jira.

Qe’ee Obbo Jaarsoo Deesisootti yeroo ammaas aannan akkuma durii sanitti dhugama.

Loon amma horan kanaaf ka’umsa isaaniif kanta’e handhuuraa gaafa dhalatu abbaan isaanii kenneef akka ta’e Obbo Jaarsoon himaniiru.

Handhuuraan akka aadaa Oromootti daa’imman tokko gaafa dhalattu hadhuuraa daa’ima sanaa fidanii irra ka’uun kennaa kennamuu dha.

Handhuuraan kun hanga gaafa guddatuutti wal hora, kan hore sunis kanuma nama kennameefi sana ta’a.

Horiin Obbo Jaarsoon handhuuraan argatan har’a wal horee loon 800 gaheera.

Oromoon looniif kabajaa guddaa qaba. Abbaan karraa Obbo Jaarsoonis loon kanarraa bu’aa aannanii fi foon isaan alatti hojii daldalaa keessa ittiin galanii jiru.

Magaalaa keessatti gamoo guddaa ijaaraa jiru, kana malees oomisha boqqolloo fi mosee oomishaniif bakka itti kuusan mana kuusaa magaalaa Shaashammannee fi Ajjee keessaa ni qabu.

Obbo Jaarsoon qonnaan bulaa adda duree ta’uun ragaan Waajjira Kominikeeshinii Godina Arsii Lixaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.