Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin biyyaalessa “Gibira kabaja Biyyaaf” jedhu ifoome

Finfinnee, Guraandhala 21, 2015 (FBC)- Ministeerrii Galiiwwanii fi Koomishiniin Gumurukaa, sosochii biyyaalessaa seera taaksii fi gumurukaa kabachiisuu “Gibira kabaja Biyyaaf” jedhuu ifoomsaniiru.

Ministirri Minnisteera Galiiwwanii Ayinaalam Nugusee akka jedhanitti baatiin Guraandhalaa baatii injifannoon Adwaa itti kabajamu waan ta’eef, abbootiin injifannoo akkuma galmeessan, diinagdee cimaa ijaaruun hiyyumma keessaa ba’uu qabna jedhaniiru.

Birmadummaa biyyaa kabachiisuuf Ityoophiyaanonni hundi tokkummaan, gootummaan argisiisan dhaloonni ammaa diinagdeen irraa deebi’uu qaba jedhan.

Kaayyoon sosochichaas seeraa alummaa ittisuun galii guddisuuf yaadamee ta’uu dubbataniiru.

Sosochichi Guraandhala 23, 2015 kan eegalu fi waggaa tokkoof akka turu beeksisaniiru.

Sagantichaan hubannoo hawaasaa gabbisuu, waltajjii waloo dhaabbilee galiiwwanii naannolee fi federaalaa akkasumas daawwannan kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.

Komishinarri Komishinii Gumurukaa Dabalee Qaabataa gama isaaniin, koomishinichi teeknooloojiin gurmeessuun, tajaajila fooyya’aa kennuu ta’us, seeraa alummaadhaan daldalli galii fi ba’ii miidhamaa jiraachuu ibsaniiru.

Waan ta’eef, sosochichaan hojiin to’annoo fi seeraa alummaa adda baasuun hojiin olaantummaa seeraa mirkaneessuu ni hojjetama jedhaniiru.

Zaman Bayyanaatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.