Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin hirmaannaa ummataa hojii misooma sululaa bara 2012 ifoome

Finfinnee, Muddee 27, 2012 (FBC) – Sosochiin misooma sululaa bara kanaa mata duree’ qabeenya uummamaa keenya badhaadhina keenyaaf’ jedhuun kan eegalamu ta’uu Ministeerri Qonnaa fi Qabeenyaa Uummamaa beeksise.

Waltajjii kana irratti dubbii kan taasiisan Ministir Deettaan Ministeera Qonnaa Fi Qabeenyaa Uummaa fi Damee Wabii Nyaataa Dooktar Kabaa Urgeessan, Ityoophiyaan biyyoota Baha Afrikaa qabeenyi uummamaa itti quucare keessaa ishee tokko jedhan.

Rakkoolee kanneen furuuf hojii misooma sululaa xiyyeeffannoon hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Muuxxannoo gaarii Damichaan argame babal’isuun uwwisa qabeenyaa uummamaa dabaluuf hojiin hojjetamaa jiru cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru.

Waltajjii marii gaggeeffame irratti raawwiin hojii qabeenya uummamaa dhiyaachuun bu’aan argame gaarii ta’uu ibsameera.

Akkasumas biqiltuun bara kana dhaabbate sabsii duraa gaggeeffameen dhibbeentaan 80 latuu isaa ibsameera.

Marii kana irratti hoggantoonni qabeenya uummamaa naannoolee fi qaamooleen dhimmichi ilaallatu argamaniiru.

Muuxxannoo fi hanqinaaleen hojii misooma sululaa naannoolee dhiyaachuun marii bal’aan irratti gaggeeffamuu ragaan Ministeera Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa argame ni mul’isa.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.