Fana: At a Speed of Life!

Taaksiiwwanii fi Awtoobisoonni seera ba’e cabsanii argaman Birrii kuma 5 ni adabamu

Finfinnee, Bitootessa 28, 2012 (FBC) – Taaksiiwwanii fi Awtoobisoonni seera ba’e cabsanii argaman Birrii kuma 5 kan adabaman ta’uu Biiroon Geejjibaa magaalaa Finfinnee beeksise.
 
Hogganaan Biiroo Geejjibaa magaalaa Finfinnee obbo Sixootaaw Akaalaa dhimmicharratti ibsa laaataniin, Taaksiin hammi fe’iinsa isaa namoota 12 tura namoota 6 qofa akka fe’an murtaa’era jedhan.
Hagar Baasiinis imaltoota 14 qofa akka fe’an murtaa’uu ibsaniiru.
 
Guyyaa booruu eegalee Taaksiiwwanis ta’ee Hagara Baasiin ganama sa’aatii 12:oo duraa fi galgala saa’aatii 2:00 booda tajaajila kamiiyyuu akka hin laanne dhorkamuu obbo Sixootaaw himaaniiru.
 
Awtoobisoonni Anbassaa fi Shaggar sa’aatuma dura tajaajila laataa turaniin kan itti fufan ta’uus ibsaniiru.
 
Taaksiiwwan, Hagar Baasoonnii fi Awtoobisoonni hammaa fi saa’aatii eeyyamameef darbanii argaman Birrii kuma 5 kan adabaman ta’uu eeraniiru.
 
Dabalataan eeyyama konkolaachisaa hanga dhumaatti irraa mulquun akka seera biyyattiitti adabbiin seeraa kan irratti fudhatamu ta’uu ragaan Waajjira Seekreetaariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.