Fana: At a Speed of Life!

Taalibaan loltoota Afgaanistaan irratti haleellaa kan itti fufu ta’uu beeksise

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2012 (FBC) – Taalibaan loltoota mootummaa Afgaanistaan irratti haleellaa raawwatu cimsee kan itti fufu ta’uu beeksise.

Taalibaan nageenya waaraa Afgaanistaanitti buusuuf guyyaa tokkoon dura Ameerikaa waliin waliigaltee mallatteesset ture.

Wali galtichaan Afgaanistaanitti rakkoo nageenyaa mudataa jiru furuuf, gareen hidhatee socho’u mootummaa biyyattii waliin marii nageenyaa taasisu cimsee itti fufuu akka qabu akeeka.

Yaata’u malee Taalibaan waligalticha kan kabaju amma mootummaan loltootasaa kuma 5 hiikutti jedheera.

Kanarra darbee loltoota mootummaa Afgaanistaan irratti haleellaa qaqqabsiisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibseera.

Preezdaantiin Afgaanistaan Ashiiraaf Gaaniin gama isaanitiin, Taalibaan waliin gama hidhamtoota hiikuun waligaltee hin qabnu jedhaniiru.

Biyyi isaanii warreen mana adabaa jiran gadi dhiisuuf qophii kan hin qabne ta’u kan ibsan preezdaantichi, kanaafis haalli marii nageenyaaf ta’u duursuu akka qabu ibsaniiru.

Maddi:BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.