Fana: At a Speed of Life!

Tajaajila kaffaltii tiraafikaa baankota 5tti laachuf qophiin taasifameera

Finfinnee, Muddee 30, 2012 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti tajaajila kaffaltii tiraafikaa Wiixataa eegalee baankota 5tti laachuf qophiin taasifameera.
 
Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injiinar Taakkalaa Uumaan kaffaltii tiraafikaa ammayyaa’aa taasisuuf qooda fudhattoota waliin mari’ataniiru.
 
Tajajailli “Lahuulluu” ega adda citeen booda kaffaltiin tiraafikaa dameewwan Baankii Daldalaa qofatti laatamaa tureera.
 
Kunis konkolaachistoonni akka rakkatanii fi dabaree dheeraa akka eeggatan isaan saaxileera.
 
Tajaajilicha si’ataa fi ammayyaa’aa taasisuuf konkolaachistoonni bilbila harkaa fayyadamanii kaffaltii akka raawwatan taasisuuf Iityoo Teelekoom waliin hojjetamaa jira.
 
Tajaajilli kunis torbee lama keessatti ni diriirfama jedhameera.
 
Dabalataan appiliikeeshinootatti dhimma ba’uun kaffaltichi akka raawwatamuuf sochiin eegaleera.
 
Tajaajila kaffaltii kana Baankii Daldalaa Ityoophiyaa, Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa, Baankii Awaash, Baankii Abisiiniyaa fi Daashanitti laachuun ni eegalama.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.