Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli Nageenyaa  Odeeffannoo biyyoolessaa sodaawwan nageenya biyyoolessaa hambisuuf gama isaatiin hojiiwwan milka’aan raawwachuu beeksise

Finfinnee, Fulbaana 11, 2014 ( FBC)- Tajaajilli Nageenyaa  Odeeffannoo biyyoolessaa sodaawwan nageenya biyyoolessaa hambisuuf gama isaatiin hojiiwwan milka’aan raawwachuu beeksiseera.

Tajaajilli Nageenyaa  Odeeffannoo raawwii waliigalaa bara hojii 2013 irratti gamaaggamaa gaggeessuun karooraa bara 2014 irratti ammoo marii taasisuun kallatti kaa’eera.

Daayrektaarri waliigala Tajaajila Nageenyaa  Odeeffannoo obbo Tamasgeen Xiruunaah marichaan akka ibsaniitti, bara baajata darbetti tokkummaa biyyarratti kan kaayyeeffatamee sodaawwan biyyoolessaa hambisuuf hojii milkaa’ee hojjeteraa jedhan.

Dhaabbatichi filannoon marsaa 6ffaa sadarkaa biyyatti gaggeeffamee nagaan akka xumuramuuf shooraa olaanaa bahuun himaniiru.

Akkasumas guutiinsi bishaanii marsaa 2ffaan hidha haaromsaa nagaan akka xumuramuu itti gaafatamuummaasaa baa’achu kaasaniiru.

Dhaabbatichi bara baajata 2014tti karoorasaatin hoogganamuun birmaddummaa fi tokkummaa biyyaa eeguuf ABUT dabalatee shororkeesitootarratti taarkaanfii fudhatamuu waliin walqabsiisee ergamaasaa ba’aachuuf cimsee kan hojjetu ta’uu obbo Tamasgeen himaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.