Fana: At a Speed of Life!

Tapha moo’atani darbuu liigii Awrooppaan Maanchiistar Yuunaaytiid marsaa itti aanuutti darbe

Finfinnee, Gurraandhala 20, 2012 (FBC)- Kaleesaa galgala tapha mo’atani darbuu liigii Awrooppaan Maanichistaar Yunaayitid garee Bruujin moo’achuun marsaa itti aanuutti darbee jira.

Yuunaaytiid keessa garee Bruujin goolii 5 fi 0n moo’achuun qabxii waliin galaa 6-1 marsaa itti aanuutti darbee jira.

Tapha biroon Arseenaal dirree isaarratti Olompiyaakoosiin 2-1 injifatamuun osoo hin darbiin hafee jira.

Taphoota Liigii Awrooppaa kanaan, gareewwaan 15 marsaa itti aanuutti darbuu kan mirkaneeffatan yoo ta’u, Ingiliizii Maanchisarii fi Walvis bakka buufattee jirti.

Taphni Saalz Bargii fi Fraankifart gidduutti gaggeeffamuuf ture sababa haala qilleensaan guyyaa har’atti darbee jira.

Maddi:-BBC Yuuroo Liigii

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.