Fana: At a Speed of Life!

Taphni galgala kana Tootanahamii fi Maanchisteer Yuunaaytiid gidduutti taphatamu xiyyeeffannoo olaanaa argate

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2012 (FBC) – Priimiyar Liigii Ingilaandiin taphni galgala kana Tootanahamii fi Maanchisteer Yuunaaytiid gidduutti taphatamu xiyyeeffannoo olaanaa argateera.
 
Taphoonni Priimiyar Liigii Ingilaand torbee 30ffaan tapha har’a galgala Tootanahaamii fi Maanchiisteer Yuunaaytiid gidduutti gaggeeffamuun eegalama.
 
Miidhama Baatii 6 booda taphataan sarara fuulduraa Tootanahaam Hariikeen har’a gara taphaatti kan deebi’u ta’uu leenjisaan garichaa Joozee Moorihooniin ibsaniiru.
 
Gama Maanchiiteeriin taphattoonni sarara ittisaa Aleeks Taanzaabee fi Fiil Joonsi sababa miidhamaan tapha kanaa ala ta’uu ibsameera.
 
Maarkuroos Raashfoordii f Pool Poogbaan miidhamarraa bayyanachuun gara taphaatti deebi’aniiru jedhame.
 
Leenjisaan Maanchiisteer Yuunaaytiid Olii Gaanar Sooshayiir taphichaaf qophii guutuu taasisu ibsaniiru.
 
Morkii kanaan Tootanahaam tooftaa taphaa 4-3-3,Maanchiisteer 3-5-2 kan hordofan ta’uu beeksisaniiru.
 
Taphich galgala har’aa sa’aatii 4:45 irraa eegaluun Istaadiyeemii Weembileeyitti taphatama.
 
Tapha dheengadda galgala Maanchiisteer Siitii fi Arseenaal gidduutti gaggeeffameen Siitiin 3-0 injifchuun kan yaadatamuudha.
 
Liigichaan Maanchiisteer Yuunaaytiid qabxii 45 sadarkaa 5ffaa Tootanahaam ammoo qabxii 41 sadarkaa 8ffaarratti argama.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.