Fana: At a Speed of Life!

Tattaaffiin dandeettii dubartoota cimsuu eegalame cimee itti fufu qaba jedhame

Finfinnee, Bitootessa 15, 2016 (FBC) – Tattaaffiin dandeettii hoggansaa fi murtoo kennuu dubartoota cimsuu eegalame cimee itti fufuu akka qabu pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen ibsan.

Dubartoonni sadarkaa hoggansaa olaanaatti akka dhufanii fi himaannaa isaanii guddisuuf tattaaffii taasisaa jiraachuu Pireezidaanti Zawdeen ibsaniiru.

Leenjiin ga’umsaa fi dandeettii hoggansaa dubartootaa cimsuurratti marsaawwan 6’n kennamaa ture xumurameera.

Leenjichi dubartoonni sadarkaa hoggansaa giddu galeessarra jira muuxannoo akka jijjiiran kan dandeessise ta’uu eeraniiru.

Tattaaffiin dandeettii hoggansa fi murtee kennuu dubartootaa cimsuu eegalame cimee itti fufuu akka qabu Pireezidaanti Saahilawarqi ibsaniiru.

Leenjichi dandeettii fi ga’umsa dubartoota guddisuun dubartoota gara hoggansaatti dhufan horachuuf leenjii kennamaa ture ta’uu Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen himaniiru.

Leenjii marsaa 6n kennamaa turerratti dubartoonni 180 hirmaachuu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.