Fana: At a Speed of Life!

Teeknooloojii diqaloomsuutti gargaaramuun oomishtummaa aannannii guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Obbo Abarraa Warquu

Finfinnee, Muddee 27, 2014 (FBC) – Teeknooloojii diqaloomsuutti gargaaramuun oomishtummaa aannannii guddisuuf xiyyeeffannoo hojjetamaa jiraachuu hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Abarraa Warquu ibsan.

Jilli Obbo Abarraa Worquu fi Ministir Deetaa Ministeera Qonnaa Dooktar Fiqiruu Raggaasaan  durfamu teeknooloojii Sanyii Kormaa Raaada dhalchiisu akka Oromiyaatti godina Arsii aanaa Xiyyootti jalqabsiisuu ibsame.

Inisheetiivii misooma Aannaniirratti jalqabame milkeessuuf sanyii loonii filatamaa mala teeknooloojii diqaloomsuutti gargaaramuun oomishtummaa aannannii guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Obbo Abarraan ibsaniiru.

Hojii loon saanyii filatamaa diqaalomsurratti jalqabame kana aanaalee biroorrattis  babal’isuuf akka hojjetamu eeraniiru.

Dooktar Fiqiruu Raggaasaa gamasaaniin qabeenya beelladaa Ityoophiyaa qabdu fayyadamuuf loon sanyii filatamaa tajaajila aannaniif olaan dabalatee misooma Loon Foonii fi misooma margaa irratti akka inisheetiiviitti qabachuun xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Hojii kana cimsuufis deeggersa barbaachisu akka taasisan ibsaniiru.

Akka Oromiyaatti sanyii kormaa raada qofa akka dhalatu taasisuu fi guyyaatti aannan liitira 15 ol kennuu danda’an kuma 1 fi 100 aanaa Xiyyootti qonnaan bultootaaf bilisaan kennamuu jalqabuu Ittaanaan hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Toleeraa Dabalaa ibsuu ragaan Biiroo Qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.