Fana: At a Speed of Life!

Tiraamp herreega baankii Chaayinaa qabu jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC)- Chaayinaa qeequun kan beekaman preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp biyyattitti herreega baankii akka qaban Neewyoork Taayims gabaaseera.

Herreegni baankicha bulchiinsa hoteelota preezdaanti idil addunyaa jala jira jedhameera.

Bara Farnajoota 2013 hanga 2015tti gibirrii naannoo akka itti hin kaffalamnee agarsiisa jedhameera.

Dubbi Himaan Tiraamp herreegni baankicha kan banameef Isiiyaatti hoteela banuuf haalli dandeessiisu jiraachuusaa beekuu ta’uu ibsaniiru.

Kun kan dhaga’amees Tiraampii fi Joo Baayidaanii gidduutti mormii filannoo preezdaantummaaf guyyoonni 12 wayita hafanitti ta’uu ibsamera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.