Fana: At a Speed of Life!

Tiraampii fi Baayidan falmii preezdaantumma xumuraa taasisan

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampii fi morkataan isaanii Joo Baayidan falmii preezdaantumma bara Faranjootaa 2020 gaggeessaniiru.

Falmichaan dhimmoota vaayrasii koroonaa, jijjiirrama qabeenya qilleensaa fi sanyummarratti waltajjichi adda ture.

Walfalmii isaaniin Tiraamp Baayidaniin dhimma ragaa qabatamaa hin qabneen himatan.

Kunis Baayidan ilmi isaanii waliigaltee daldalaa Raashiyaa waliin taasisee dhuunfa isaanitti fayyadamaniiru jechuun qeeqaniiru.

Baayidan Tiraamp irratti dhimma gibiraa fi dabtaraa herreega kaasaniiru.

Tiraamp dhimmicharratti daldalaan turee jechuun deebii laataniiru.

Baayidan dhimma vaayrasii koroonaa kaasuun yeroo hamaatti galuu dandeenya jechuun akeekkachiisaniiru.

Kanaafis vaayrasii koroonaa lubbuu lammiilee Ameerikaa kuma dhibba 2 fi kuma 20 ol galaafateefis Tiraampin itti gaafatamummaa jala galchaniiru.

Guyyoonni 11 qofti kan hafee filannoo preezdaantuumma Ameerika 2020f Baayidaan dursaa jiru.

Hanga ammaattis lammiileen miiliyoonni 47 ol filachuu isaanii ragoolee ni muul’dhisu.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.