Fana: At a Speed of Life!

Traamp karoora nageenya giddugala bahaa Kibxata dhufu kan ifoomsan ta’uu himan

Finfinnee, Amajjii 15, 212 (FBC) – Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp karoora nageenyaa giddugala bahaa Kibxata kan ifoomsan ta’uu himaniiru.

Preezdaantichi karoora nageenyaa kana muummee ministiraa Israa’eel Beeniyaamiin Neetaaniyaahuu fi morkataa isaanii Been Gaantiz masaraa Adiitti osoo hin haasofsiisin dura kan ifoomsan ta’uu himaniiru.

Karoora dhiyaaturratti Filisxeemonni yaada faallaa dhiyeessuu akka malan ni eegama jedhan Traamp.

Filisxeemonni karoorri nageenyichaa osoo hin ba’in kan morman yoo ta’u, Traamp yeroo eeguun kan isaan mariisisan ta’uu ibsaniiru.

Karoorri nageenya haaraan kun Filisxeemotaaf faayidaa kan qabu ta’uu preezdaantich beeksisaniiru.

Odu himaan preezdaantii Filisxeem Mahaammuud Abbas; Naayil Abuu Rudeeyinah gama isaanitiin Ameerikaa fi Israa’eel akeekkachiisaniiru.

Maddi:-Aljaziiraa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.