Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasii koroonaa ittisuuf duursinee qophaa’uu fi qajeelfamoota mamii malee hojiirra oolchuu qabna -MM Dr Abiy

Finfinnee, Bitootessa 17,2012(FBC) – Vaayrasii koroonaa ittisuuf duursinee qophaa’uu fi qajeelfamoota mamii malee hojiirra oolchuu qabna jedhan muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad.
 
Dooktar Abiy ergaa isaanitiin hawaasni idil addunyaa kooviid 19 maal geessisuu akka danda’u, mirkanaan dubbachuu hin dandeenye jedhaniiru.
 
Kanaaf haalicha dandamannee rakkinicha injifannoodhan keessa darbuuf duursanii qophaa’uu fi qajeelfamoota mamii malee raawwachuun barbaachisaadha jedhan.
 
Haalli hamaa inni dhumaa yoo gahellee qophoofnee turuun keenya gaaga’amasaa ni hir’isaan dhaaman.
 
Kanaafis kaleessa Koreen Deeggarsa Walittiqabduu Biyyoolessaa adeemsa walitti qabuu maallaqaa fi dhiheessiiwwan kan biroo barbaachisan qindeessu hundaa’uu ibsan.
 
Sadarkaa federaalaatti giddugaloonni itti adda baasanii hordofan, adda baasanii tursanii fi wal’aanan qophaa’aniiru.
 
Kan itti aanu galteewwan isaan barbaachisan akka guutamaniif gochuudha jedhan muummee ministiraa karaa fuula Feesbuukii isaanitiin.
 
Mootummoonni naannolees qophii walfakkaatu gochuu itti fufu; yeroo kanatti naasuu, sodaa fi dhiphachuu keessaa baanee galteewwan qabnu hunda walitti qabuudhan gara Koree Deggarsa Biyyoolessaatti fiduudhan gumaacha haa goonun waamicha dhiyeessaniiru.
 
Maallaqa buusuuf akka dandeenyuf lakkoofsonni herreegaa baankii fi sirni ergaa gabaabaa qophaa’aniiru.
 
Qonnaan bultoonni ciccimoonii fi oomishtoonni nyaataas dhiheessii nyaataa arjoomuu akka danda’an baankiin nyaataas qophaa’aa jira.
 
Hojiin shaqaxoota barbaachisan lammiilee keenya caalaatti saaxilamaniif qopheessuu akkuma jirutti ta’ee, giddugaleeyyiin itti adda baasanii hordofan, adda baasanii tursanii fi wal’aananiif meeshaalee barbaachisan guutuunis nurraa eegama jedhan.
 
Yeroo gidiraan numuudatu waloodhan akka itti duullu hojiidhan haa agarsiifnun waamicha dhiyeessaniiru.
 
Mana keenya waloo Itoophiyaa jennee waamnuf tokkoon tokkoon keenya gumaachuuf itti gaafatamummaa qabnas jedhaniiru muummee ministiraa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.