Fana: At a Speed of Life!

Vaayrasii koroonaa ittisuuf qajeelfamoota hojiirra oolchuurratti baay’etu nu hafa- preezdaant Saahilawarq

Finfinnee, Bitootessa 17,2012(FBC) – Vaayrasii koroonaa ittisuuf qajeelfamoota hojiirra oolchuurratti baay’etu nu hafa jedhan preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen.

Preezdaant Saahilawarq vaayrasicha ittisuurratti hawaasa magaalaa Finfinneerratti waan taajjaban karaa fuula Twiitara isaanitiin ifoomsaniiru.

Preezdaant Saahilawarq magaalaa Finfinnee keessa deddeemanii ilaaluu isaanii fi qajeelfamoota ittisaa kaa’aman hojiirra oolchuurratti hojii bal’aan akka hafu ibsaniiru.

Vaayrasiin nutti siqu hin jiru osoo jedhanuu waan ta’an argaa jirra. Kanaaf of dagachuun barbaachisaa miti jedhan.

Qorannoon bal’inaan waan hin taasifamneef odeeffannoo qabatamaa waan hundarratti hin qabnu; ittisaaf qindoomnee qophaa’uu fi hojjechuu qabna jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.