Fana: At a Speed of Life!

Waamicha muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad “maaddii biyyaaf” dhiyeessaniif dhaabbileen deebii laachaa jiru

Finfinnee, Onkololeessaa 7, 2013 (FBC) – Waamicha muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad “maaddii biyyaaf” dhiyeessaniif dhaabbileen deebii laachaa jiru.

Dooktar Abiy misooma proojaktii Kooyshaa, Gorgoraa fi Wanciif waamicha tumsaa dhiyeessuun isaanii ni yaadatama.

Dhaabbileenis tumsa taasisaa jiraachuu Waajjirri Muummee Ministiraa beeksiseera.

Haaluma kanaan dhaabbileen Birrii miiliyoona 5 fi miiliyoona 10 gumaachan nagahee maallaqa baankiitti ittiin galchan karaa teessoo dineforethiopia@pmo.gov.et akka ergan gaafatameera.

Dhaabbileen maallaqa galchuun isaanii ibsame;
Baankii Daashan – Birrii miiliyoona 30
Koorporeeshinii Manneenii Federaalaa – Birrii miiliyoona 10
Birihaan Baank – Birrii miiliyoona 20
Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa – Birrii miiliyoona 20
Innaat Baank – Birrii miiliyoona 5
Baankii Intarnaashinaalii Oromiyaa – Birrii miiliyoona 10
Baankii Abisiiniyaa – Birrii miiliyoona 20

Kanaan duras baankonnii fi dhaabbileen addaddaa maallaqa gumaachuun isaanii ni yaadatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.