Fana: At a Speed of Life!

Wagggaa tokko keessaatti warshaan oomisha Dhagaa Cilee ijaarramee xummuramuufi – Injiinar Taakkalaa Uumaa

Finfinnee, Caamsaa 21, 2013 (FBC) – Wagggaa tokko keessaatti warshaan oomisha Dhagaa Cilee ijaarramee xummuramuufi ta’uu Ministirri Ministeera Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaan ibsan.

Dhagaa Cilee biyya keessatti oomishuuf hojiin dhaabbilee fedhii fi dandeettii qaban adda baasuu xummuramuu Injiinar Taakkalee dubbataniiru.

Dhaabbileen garaagaraa Naannoo Kibbaa, Oromiyaa, Amaaraa fi Beenishaanguul Guumuuz keessatti Dhagaa Cilee oomishuu kan eegalan ta’a jedhan.

Waggaatti Dhagaa Cilee Toonii miiliyoona 2.21 oomishuun fedhii biyya keessaa guutuuf kan dandeessiisu ta’uu Injiinar Taakkaleen Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.