Fana: At a Speed of Life!

Waggoottan afran dhufan qulqullinarratti xiyyeeffachuun sagantaan Ashaaraa Magariisaa itti fufa-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 8, 2014 (FBC) – Waggoottan afran dhufan qulqullinarratti xiyyeeffachuun sagantaan Ashaaraa magariisaa kan itti fufu ta’uu Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad ibsan

Sagantaan cufiinsa Ashaaraa magariisaa marsaa 4ffaa har’a bakka Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad argamanitti Dirree Dawaatti gaggeeffameera.

saganticharratti, Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad haasawaa taasisaniin, waggoottan afuran itti aanaan qulqullinarratti xiyyeeffachuun sagantaan Ashaaraa Magariisaa kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.

Waggoottan afuran darban biqiltuuwwan biiliyoona 20 dhaabuuf karoorfamee biiliyoonni 25 dhaabbachuu ibsaniiru.

Kana malees, Paarkiin Indaastirii Zoonii Daldala Walabaa Dirree Dawaa har’a bakka aanga’oonni olaanoo Mootummaa Federaalaa fi keessummoonni garaagaraa argamanitti ni eebbifama.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.