Fana: At a Speed of Life!

Mariin rakkoolee damee konistiraakshiniif furmaata barbaaduurratti kaayyeffate gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 8, 2015(FBC)- Rakkoolee idil addunyaafi biyya keessatti mudatanii turan hordofee waggoottan arfan darbanitti damee konistiraakshiniirra miidhaa guddaan gahuu ibsameera.

Haala rakkoolee kanneeniif furmaanni kennuun danda’amurratti qaamolee dhimmamtootaa waliin mariin gaggeeffamaa jira.

Dameen konistiraakshinii dandeettii diinagdee biyyaa guddaa kan sochoosu ta’us rakkoolee mudachaa jiran gahee isaa akka hin ba’anne taasisaa jiraachuu Ministir Deetaan Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Injinar Wandimmuu Seetaa ibsaniiru.

Walitti qabaan Waldaa Hojiilee Ijaarsaa Ityoophiyaa Injinar Girmaa Habtamaariyaam gamasaaniin, gaala’iinsi gatii meeshaalee ijaarsaa rakkoolee damicha mudatan keessaa isa hangafa ta’uu eeraniiru.

Rakkoolee kanneen waaraan furuuf mootummaafi dhaabbileen ijaarsaa tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu qabu jedhaniiru.

Bittaafi adeemsota hojiimaataa biroo ilaalchisee uwwisa seeraa rakkicha furuu danda’an hojiirra oolchuun hojii mootummaafi dhaabbilee ijaarsaa walitti fidu jiraachuu akka qabu kaasaniiru.

Adeemsa caalbaasii dhaabbilee ijaarsaa biyya alaa waliin taasifamu ilaalchisee adeemsichi dhaabbilee ijaarsaa biyya keessaa giddugaleeffachuu qaba jedhaniiru.

Yismaawu Adaraawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.