Fana: At a Speed of Life!

Waldaaleen Siivikii Ameerikaatti argamaan qaamolee mootummaa aangoorraa kaasuuf  socho’aa turaan irratti Ameerikaan tarkaanfii akka fudhattu gaafatan

Finfinnee, Sadaasa 23, 2014 (FBC) – Dhaabbileen hawaasa siiviikii afur Ameerikaatti argamaan qaamolee seera Ameerikaa cabsuun Mootummaan Ityoophiyaa aangoorra kaasuuf garee shororkeessa ABUT deeggarun waliin socho’aan turan irratti tarkaanfiin fudhatamuu qaba jechuun gaafataan.

Dhaabbileen kunneenis mana maree Idil Addunyaa Ityoo-Ameerikaa, Faandii akshiinii Ityoo- Ameerikaa, mana maree misoomaa Ityoo- Ameerikaa fi Gamtaa eegumsa mirgaa namoomaa fi diimookiraasii jedhaman qaamoolee kanarratti tarkaanfiin fudhatamuu qaba jedhun xalayaa Biiroo Qorannoo Yakkaa fi Haqaa Ameerikaaf galchuu himan.

Dhaabbileen kunneen xalayaa galchaaniin,qaamoleen kun Dhaabbataa Eejansii Hawaasaa Siviilii Ityoophiyaarra heeyyamni isa haqame ture, dhaabbataa Gidduugala misoomaa fi Nageenya Biyyaalessaa jedhamu waliin mootummaa Ityoophiyaa seera qabeessa ta’e aangoorra kaasuuf mariii karaa dhoksaa taasisaniiru jedhan.

Akka seera Ameerikaatti ammo Mootummaa Seeraa qabeessa biyya tokko aangoorraa kaasuuf socho’uufi garee shororkeessitootaf deeggarsa taasisan yakkaan akka namaa gaafachisan ni ibsa jedhan dhaabbileen kunneen.

Xalayaa galchaaniinis dhaabbileen kunneen garee shororkeessaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa irratti haleellaa raawwateefi garee ajjeechaa jumlaa naannoo Amaaraa fi Affaaritti raawwachuu isa gabaasonni idil-addunyaa garaagaraa mirkaanesaniirus  jedhan.

Kanaafis, namoonni dhuunfaa garee shororkeessa ABUT yakkaa garaagaraa raawwataa ture deeggarun gara aangootti deebisuuf, marii taasisaa turan seeran gaafatamuu qabu jechuun Biiroo Qorannoo Yakkaa fi Haqaa Ameerikaaf xalayaan galchuu himan.

Gochii namoota dhunfaa kanaas hariiroo Ameerikaa fi Ityoophiyaa waggaa dhibba 1 fi 18 lakkoofsise ni balleessas jedhaniiru.

Maddi:-TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa

argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.