Fana: At a Speed of Life!

Waldaan Misooma Walaayittaa Finfinneetti giddugala aadaa ijaaruufi

Finfinnee, Eebla 10, 2013 (FBC)- Waldaan Misooma Walaayittaa Finfinneetti giddugala aadaa ijaaruuf bulchiinsa magaalichaa irraa lafti kennameefi.
Waldaan Misoomaa Walaayittaa sagantaa karooraa misooma waggoottan 20 dhufanii Magaalaa Finfinnee Addabaabayi Michummaatti ifoomsame.
Ummanni Walaayitaa gama biyyaa ijaaruufi tokkummaa Ityoophiyaa irratti harka kan hin kenninee fi walii wajjin jiraachuuf ummata dursa kennuu ta’uu Itti Aantuun Kantibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee himaniiru.
Sagantaan kun dhaadannoo “Gumaachii Waldaan Misoomaa Walaayitaa Walaayitaaf akkasuams badhaadhina Ityoophiyaaf gahee olaanaa qaba” kan jedhun gaggeeffama kan jiru yoo ta’uu, aadde Adaanach ummanni Walaayitttaa Magaalaa Finfinnee keessatti hojii jaalachuu fi aadaa hojii cimaan beekamu jedhan.
Waajjira Pireesi Sekireeteeriyaati Magaalaa Finfinee akka beeksiseetti ummanni Walaayittaa gama biyyaa ijaaruu fi tokkummaa Ityoophiyaa irratti harka kan hin kenninee fi walii wajjin jiraachuuf ummata dursa kennuu ta’uu aadde Adaanach Abeebee himan.
Aadde Adaanach Waldaan Misoomaa Waalayitaa Magaalaa Finfinnee keessatti aadaafi duudhaa Waalayitaa guddisuuf sosochii taasifamuf Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee bakka ijaarsa Giddugala Aadaa qopheessu himaniiru.
Sagantaa kana irratti Itti Aantuun Kantibaa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee, Ministira Saayinsii fi Dhaabbilee Barnoota Olaanoo Dooktar Saamu’eel Hurqaatoo, Bulchaa Godina Walaayitaa Dooktar Indiriiyas Geetaa dabalatee hoggantonni olaanoo fi dhalattoonni godinichaa magaalaa Finfinnee keessatti argamaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.