Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin hoggantoota NATO Braasalsitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 15, 2014 (FBC) –  Waraan Raashiyaa fi Yuukreen ilaalchisee ga’ee qaamolee deeggartootaa gamaaggamuurratti kan kaayyeffate walga’iin hoggantoota NATO Beeljiyeem magaalaa Braasalsitti gaggeeffamaa jira.

Walga’ichaan dhimmoonni  ejjennoo yeroo dheeraa NATOn biyyoota Awurooppaa Bahaarratti qabuu fi ga’ee inni waraana Raashiyaa fi Yuukreen irratti ba’ate  maal akka fakkaatu ni gamaaggamamaan kan eegamu ta’uu gabaafameera.

Barreessaa Olaanaan NATO walga’ichi eegalamuun dura ibsa laataniin Raashiyaan meeshaa waraanaa keemikaalaa yoo fayyadamte uummata Yuukreen irratti miidhaa cimaa kan geessisu ta’uu yaadachiisuu isaanii Anaadooluun gabaaseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.