Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Koomiishinii waloo Ityoo-Afrikaa Kibbaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Adoolessa 24, 2015 (FBC)- Walga’iin Koomiishinii Waloo Ministiroota Ityoo-Afrikaa Kibbaa 4ffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Walga’icharratti Ittaanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin, Ministira Walta’iinsaa fi Hariiroo Idil Addunyaa Afrikaa Kibbaa Dooktar Naaleedii Paandoor akkasumas anga’oonni biyyoota lameenii biroon argamaniiru.

Biyyoonni lameen damee daldalaa, invastimantii, saayinsii, innooveeshinii, barnoota, fayyaa, aadaa fi kanneen biroon, sadarkaa raawwii waliigalteewwan mallatteeffamaanii walga’ichaan akka gamaaggaman ibsameera.

Koomishiniin Waloo Ministiroota Ityoopiyaa fi Afrikaa Kibbaa hariiroo fi walta’iinsaa biyyoota lameenii cimsuuf kaayyeeffatee bara faranjootaa 2008 hundeeffamuun ni yaadatama.

Ityoophiyaa fi Afrikaan Kibbaa hariiroo dippilomaasummaa kan eegalan bara Faranjootaa 1994 ta’uu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.