Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Mana Maree Hoji Raawwachiistuu Gamtaa Afrikaa 39ffaan Onkololeessa 4 ni eegala

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2014 (FBC) – Walga’iin Mana Maree Hoji Raawwachiistuu Gamtaa Afrikaa 39ffaan Onkololeessa 4 -5, 2014tti kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.
Walgahicharratti hirmaachuuf Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota Afrikaa garaagaraa Finfinnee galaa jiru.
Haaluma kanaan Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Laaybeeriyyaa Dii- Maaksiweel Saahii Keemaayaan ganama har’aa Finfinnee galaniiru.
Dii Maaksiweel Saahii Keemaayaan wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ga’an hoggantoota olaanoo Ministeera Dhimma Alaa FDRIn simatamaniiru.
Walga’iin Mana Maree Hoji Raawwachiistuu Gamtaa Afrikaa 39ffaa kanarratti Ministiroonni Dhima Alaa biyyoota miseensota gamtichaa 55 ni hirmaatuun eeggama.
Walga’icharratti hoggantoonni biyyootaa kanneenii, dhaabbileen diinagdee naannawaa Gamtaa Afrikaa fi dhaabbileen gamticha jalatti argaman marii kurmaana 3ffaa waloon taasifamu kanarratti ajandaa kan dhiyeessan ta’a jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.