Fana: At a Speed of Life!

Walharkaa fuudhinsi ambuulaansii gaggeeffame

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2012 (FBC) – Biiroon Eeggumsa Fayyaa naannoo Oromiyaa Ambuulaansoota 234 Ministeera Fayyaa Federaalaa waliin walharkaa fuudhinsa taasisu beeksise.

Ambuulaasonni 234 mootummaa federaalaa, mootummaa naannoo Oromiyaa fi hirmaannaa ummataan bitaman Biiroo Eeggumsa Fayyaa naannoo Oromiyaaf laatamuu ibsameera.

Ambuulaansonni kunneen qaraxaan ala Birrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 84 fi kuma dhibba 7 fi kuma 78 kan bitaman ta’uu himameera.

Ambuulaasonni kunneen yeroo gara hojiitti galan naannichatti du’aatii haadholii hir’isuu fi kenna tajaajila fayyaa saffisiisuurratti gumaacha olaanaa kan qaban ta’uu biirichi ibseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.