Fana: At a Speed of Life!

Waliigaltee nageenyaan booda lammiilee miiliyoona 8.3’f deeggarsi namoomaa taasifamuu ibsame

Finfinnee, Mudde 11, 2015(FBC)- Waliigaltee nageenyaa mootummaafi ABUT gidduutti mallatteeffameen booda lammiilee kaaba biyyattiitti sababa walitti bu’iinsaan miidhaman miiliyoona 8.3’f deeggarsi namoomaa taasifamuu Komishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa ibse.

Komishinarri Komishinichaa Ambaasaaddar Shifarraaw Taklamaariyaam, raawwii deeggarsa namoomaa waliigalteen boodaafi dhimmoota gara fuula duraatti xiyyeeffannoo barbaadan irratti dhaabbilee deeggarsa namoomaa dhiyeessan waliin mari’ataniiru.

Waliigaltee nageenyaa hordofee adeemsi dhiyeessii deeggarsa namoomaa  lammiilee naannolee Tigraay, Afaarfi Amaaraatti sababa walitti bu’iinsaan miidhamaniif taasifamu cimee itti fufuu maricharratti ibsameera.

Bifuma kanaan lammiilee sababa walitti bu’iinsaa miidhaman miiliyoona 8fi kuma dhibba 3fi kuma 58fi 196’f marsaa jalqabaan deeggarsi guutuun taasifamuu Ambaasaaddar Shifarraawu eeraniiru.

Yeroo ittaanutti deeggarsichi haala kutaalee hawaasaa hunda hammateen cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.

Dhiyeessii qorichootaafi nyaata madaalamaarratti tattaaffiin dabalataa akka taasifamu waltajjichaan gaaafatamuu ibsameera.

Yeroo ammaa naannoo Tigraay qofaatti qaamoleen deeggartootaa 29 deeggarsa namoomaa raabsaa jiraachuu fi dhaabbileen damicharratti bobba’an biroonis akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.