Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen Kontiraata Awutoobisoota deeggarsaa Shaggar baatii jahaaf dheerate

Finfinnee, Waxabajjii 22, 2014 (FBC) – Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee waliigaltee Kontiraata Awutoobisoota deeggarsaa Shaggar dabalataan baatii jahaaf dheeresse.
Waliigaltichi Bitootessa 4, 2014 hanga Fulbaana 2, 2015tti dheerateera.
Dhaabbata tajaajila Geejjibbaa Heddummataa Shaggariin bobbiin laatamaa Awutoobisoonni kunneen tajaajila laachuu akka itti fufan Biirichi waliigaltee dheeressuu isaa ragaan Biiroo Geejjibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.
Awutoobisoota hundaaf GPS’n hidhamuun hordoffii fi to’annoo cimaan taasifamaa tajaajila si’ataa fi fooyya’aa akka laataniif xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsameera.
Kaabineen magaalichaa Onkololeessaa 9, 2013 Awutoobisoonni qaxxaamura biyyaa bifa kiraan magaalichatti tajaajila Geejjibaa akka laatan murteessuun kan yaadatamuudha.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.