Fana: At a Speed of Life!

Walisootti harka qalleeyyii 950f deeggarsi Birri miiliyoona 1.5 taasifame

Finfinnee, Bitootessa 23, 2016 (FBC)-Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Walisoo Dhaabbata Beekaa waliin ta’uun sooma Ramadaanaa sababeeffachuun harka qalleeyyii 950’f deeggarsaa Birri Miiliyoona 1.5tti tilmaamamauu taasise.

Deeggarsi taasifames, Paastaa, Mokoroonii, Daakuu, Zayitaa fi kanneen biroo ta’uun ibsameera.

Dura Taa’aan Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Walisoo Ustaaz Naasir Tamaam, harka qalleeyyii, daa’imman haadhaa fi Abbaa hinqabneef deeggarsa taasisuun gochaa Rabbiin jaallatuudha jedhan.

Fuulduratti Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Magaalaa Walisootti lammiileen itti fufiinsaan akka of danda’an karoorfachuu ibsuu OBN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.