Fana: At a Speed of Life!

Walitti bu’iinsa amantaa hambisuuf dhababileen amantaa ga’ee isaanii akka ba’atan gaafatame

Finfinnee, Adoolessa 28, 2012 (FBC) – Walitti bu’iinsa amantaa hambisuuf dhababileen amantaa ga’ee isaanii akka ba’atan gaafatame.
 
Ummata walitti buusuu fi waliin jireenya ummataa booressuuf sochii taasifamu hambisuuf dhaabbileen amantaa ga’ee isaanii akka ba’atan Ministeerri Nageenyaa gaafate.
 
Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa yaa’ii idileesaa 12ffaa gaggeessaa jira.
 
Baniinsa yaa’ichaarratti kan argaman ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiil, abbootii amantaa fi dhaabbilee amantaarratti miidhaa qaqqabsiisuun, nageenya biyyaa booressuuf qaamoleen barbaadan ummataa fi mootummaa adda baasuuf akka meeshaatti fayyadamaa jiru jedhan.
 
Dhaabbileen amantaa fi abbootiin amantaas shira kana hubachuun nagaa biyyaatif gumaachuu qabu jedhan aadde Mufariyaat Kaamiil.
 
Ministeerri Fayyaa ammoo weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf dhaabbileen amantaa hojii boonsaa hojjechuu eerera.
 
Hojii vaayrasicha ittisuu itti aanufis abbootiin amantaa fi dhaabbileen amantaa ga’ee olaanaa kan qaban ta’uun ibsameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.