Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii Baankii Dhiigaa Biyyaalessaa 8ffaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2013 (FBC) – Waltajjiin marii Baankii Dhiigaa biyyaalessaa 8ffaan guyyoota 3f turu magaalaa Goondaritti gaggeeffamaa jira.
 
Baankichi bara 2013 dhiiga Yuuniitii kuma dhibba 3 fi kuma 43 walitti qabuuf hojjechaa jiraachuu itti aanaan daayreektar olaanaa Baankii Dhiigaa Biyyaalessaa obbo Haamtaamuu Taayyee ibsaniiru.
 
Bara darbe dameewwan 43 irratti dhiigni yuutiin kumni dhibbi 3 fi kumni 10 walitti qabuuf karoorfamee yuutiin kumni dhibbi 2 fi kumni 88 fi 966 walitti qabamuu ibsaniiru.
 
Weerarri vaayrasii koroonaa hojii arjoomina dhiigarratti dhiibbaa geessisus, hirmaannaa olaanaa tola ooltoonni taasisaniin % 93 raawwachuun danda’ameera jedhan obbo Haamtaamuun.
 
Qaamoleen dhiiga arjooman haala odeeffannoo ga’aa baankichaa argachuu danda’an irratti sirni odeeffaannoo haaraan diriirfamuu beeksisaniiru.
 
Eeliyaas Annimuutiitu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.