Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii jaarsolii biyyaa Afaarii fi Soomaalee booru Adaamaatti ni gaggeeffama

Finfinnee, Muddee 20, 2012 (FBC) – Waltajjiin marii jaarsolii biyyaa Afaarii fi Soomaalee booru Adaamaatti kan gaggeeffamu ta’uu Ministeerri Nageenyaa beeksise.

Ministeerichi miidiyaaf ibsa laaten akka beeksisetti, nageenya lammiilee fi faayidaa biyyaalessaa kabachiisuuf waltajjichi murteessadha.

Rakkoolee hawaasummaa fi walitti bu’iinsa uummaman furuun hariiroo ummataa cimsuuf hojjetamaa jiras jedheera.

Haaluma kanaan hojiin nageenyaa fi walii galtee biyyaalessaa cimsuu hojjetamaa jiraachuu ibseera.

Ityoophiyaa tokkummaan ishee kabajamee hariiroon hawaasummaa fi nageenyi ummataa itti mirkanaa’e uumuuf waltajjiin waloo kun ga’ee olaanaa ni qabaata jedheera Ministeerri Nageenyaa ibsa isaatin.

Ergama biyyaalessaa ba’uuf sosochii bal’aan hojjetamaa jiraachuu ministeerichi eerera.

Kutaalee hawaasaa tokkumma biyyaalessaa fiduuf qooda olaanaa qaban waliin hojiin marii gaggeessuu hojjetamaa jira jedhameera.

Haaluma kanaan kutaalee hawaasaa garaa garaa keessa jaarsolii biyyaa naannoo Soomaalee fi Afaarii walitti babba’an waliin marii gaggeessuuf booru Adaamaatti waltajjiin marii Dhaabbata ‘Jastiis Foor Ool Priizin Feeloowshiip Ityoophiyaa’ waliin ta’uun qophaa’uun ibsameera.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.