Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii Obbolummaa sab-daneessummaa fi haala yeroorratti xiyyeeffate Magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 20, 2015 (FBC) – Waltajjiin marii Obbolummaa sab-daneessummaa fi haala yeroorratti xiyyeeffate jiraattota Magaalaa Adaamaa waliin gaggeeffamaa jira.

Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Aagenyewu Tashaager, Ministirri Ministeera Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee fi Itti Gaafatamaa Damee siyaasaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan waltajjirratti argamaniiru.

Waltajjichi haala waqtaawaa fi jijjiirama biyyaarrattii kan xiyyeeffatu ta’uu eerameera.

Jijjiiramaan dura rakkoolee biyyattii keessa turanii fi qormaatilee jijjiiramaan booda mudatan, akkasumas hojilee jijjiiramaan asitti biyyattii keessatti hojjetamaa jiran Obbo Aganyewu Tashaager taasiisaniiru.

Finxaalessummaan rakkoo hamaa ta’uu himuun, rakkoo qaala’iinsa gabaa fi bulchiinsi gaarii qormaatilee ta’uu himan.

Hanna qindaa’aa qolachuufis mootummaan hojii eegale Ummata hirmaachiisuun itti fufa jedhan.

Ilaalchaa fi gocha Finxaalessummaa mul’atu irratti hunduu qabsaa’uu akka qabus dhaamaniiru.

Waltajjiin kun Obbolummaa sabdaneessummaa cimsuun badhaadhina mirkaneessuuf shoora akka qabu eeramuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.