Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin waloo Komaand Poostii naannolee Bahaa magaalaa Jigjigaatti gaggeeffame

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Waltajjiin waloo Komaand Poostii naannolee ollaa Bahaa guyyaa har’aa magaalaa Jigjigaatti gaggeeffameera.

Komaandi Poostiin waloo kun gabaasa raawwii damee yakka ittisuun hojjetame gamaaggamuun dhimmoota yeroo itti aanu hojjetamuu qabanirratti kallattii kaa’eera jedhame.

Waltajjicharratti Komishinarri Komishinii Poolisii naannoo Somaalee Komishinar Mahaammad Alii gabaasa dhiyeessera.

Torbee darbe qofa hordoffii taasifameen baalli sammuu Adoochu, meeshaaleen waraanaa seeraan alaa, Doolaarri seeraan ala daddabarfamaa turee fi qaamoleen yakkoota garaagaraa raawwachuuf yaalan hedduun to’atamuu ibsaniiru.

Gochaa badii Garee shororkeessaa ABUT, Shanee, Alshabaab dabalatee yakkoonni shira diinagdeerratti raawwataman bifa hedduun kan turan ta’uu Komishinarri Komishinii Poolisii magaalaa Dirree Dawaa Alamuu Magaraa ibsaniiru.

Daldaltoota seeraan ala daballii gatii taasiisanirratti tarkaanfiin waloo kan fudhatamu ta’uu ibsamuu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Naannoo Somaaleerraa argame ni muul’isa.

Ayyaannoonni tibban kabajaman karaa nagaan akka xumuraman qophii ga’aan taasiifamuu waltajjicharratti ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.