Fana: At a Speed of Life!

Waraanni Raashiyaa Yuukireen irratti haleellaa misaa’elaa gaggeessuun gabaafame

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2014 (FBC) – Har’a ganama Raashiyaan Yuukireen naannawaa Kiyeeviin dabalatee, naannawaa waraanaa birootti haleellaa misaa’elaa gaggeessuun gabaafameera.

Halleellaa Magaalaa Kiyeevitti gaggefameen gamoon mana jireenyaa fi oolmaan daa’immanii tokko diigameera jedhame.

Dabalataan naannawaa daangaa Poolaanditti kan argamuu fi Kaabaa fi Kibba Yuukireenitti kaampiiwwan leenjii waraanaarratti haleellaan raawwatameera jedhame.

Raashiyaan haleellaa kana gaggeessaa kan jirtu Ispeen Maadiriiditti yaa’iin Dhaabbata Waadaa Waraanaa Atilaantik Kaabaa (NATO) gaggeeffamuuf guyyoonni muraasni wayita hafanitti jedhameera.

Kiyeevitti yoo xiqqaate dhohiinsi ja’a dhaga’amuu aanga’oota naannawichaa wabeeffachuun BBC’n gabaaseera.

Giddugala Magaalaa Cheerkiivii fi Kaarkiivitti, haleellaan misaa’elaa gaggeeffamuu ijaan argitoonni ibsaniiru.

Ajajaan humna qilleensaa Yuukireen tokko misaa’elonni furguggifamoon qilleensaa, galaanaa fi lafarraa gara biyyattiitti dhukaafamuu ibsanii, farraa misaa’elaan qolachuuf illee rakkisuu himaniiru.

Halleellaan kunneen kan gaggeeffamanis yaa’iin biyyoota ‘Garee Torban (G7)’ jedhamanii eegalamuuf wayita jedhutti ta’uu Aljaziiraan gabaaseera.

Gama biraatiin, Preezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin, Beelaarusiif misaa’ela dandeettii niwukilaraa qabu jedhame akka dhiyeessan dubbataniiru.

Putiin kana kan jedhan guyyaa kaleessaa Preezdaantii Beelaaruus Aleeksaanda Lukaashenkoov waliin marsariitiin wayita mari’atanitti ta’uu CGTN gabaaseera.

Misaa’elli kunis fageenyaa hanga kiiloomeetira 500 irraa meeshaa to’annoon hogganamuu kan danda’u ta’uu fi akka barbaachisummaa isaattis keemikaala niwukilaraa gadi lakkisuu danda’a jedhameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.