Fana: At a Speed of Life!

Wareegama kamiinuu Raayyaa Ittisa Biyyaa cinaa ni hiriirra- jiraattota Godina Horroo Guduruu Wallaggaa

 

 
Finfinnee, Hagayya 2, 2013 (FBC)-Gantuu garee TPLF balaaleffachuun wareegama kamiinuu gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa keenya cinaa ni hiriirra jedhan jiraattonni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa.
 
Jiraattoonni kunneen gocha badii garee TPLF balaaleffachuufi deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf qaban hiriira bahuun ibasataniiru.
 
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti jiraattonnii fi dargaggoonni Bulchinsa Magaalaa Shaambuu fi Aanaa Horroo gocha badii gareen TPLF raawwate balaaleffachuun Raayyaa Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaaf jedhee arsaa kanfalaa jiru cinaa jiraachuu hiriira bahuun ibsataniiru.
 
Sobduufi gantuu garee Juuntaa TPLF fedha dhuunfaa isaaniif jecha gantummaa biyya irratti raawwatan gocha yoomuu hin dagatamne waan ta’eef, ni balaaleffanna jedhan jiraattonni hiriira irratti hirmaatan.
 
Raayyaa Ittisa Biyyaa birmadummaa biyyaa fi daangaa biyyaa kabachiisuuf aarsaa kanfalaa jiru humnaa fi qabeenya qabniin kan deeggaran ta’uus himaniiru.
 
Garee Shororkeessaa TPLF fi ergamtoonni isaanii ergama biyya diiguu qabatanii socho’aniin dinagdee biyyaa fi hawwaasummaa irratti gufuu ta’uu hubachuun hawwaasni godinichaa tokkummaan balaaleffachuun jaalala biyyaaf qaban mul’isaa jiru kan jedhan Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Baqqala Dachaasaan.
 
Hawwaasni Godinicaa tokkummaan ergama gareen badii Juuntaa TPLF qabatee socho’aa jiru dura dhaabbachuun nageenyaa fi tokkummaa biyyaaf tumsuu akka qaban dhamaniru.
 
Raayyaa Ittisa biyyaa birmadummaa biyyaaf jeecha aarsaa kanfalaa jiru xiqqaa hanga guddaatti cinaa dhaabbachuun aantummaa qaban kan agarsiisaa jiran ta’uu himuun, fuula durattis humna kana tumsa barbaachisuun kan deeggaran ta’uus eeru isaani OBN gabaaseera.
 
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
:-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.