Fana: At a Speed of Life!

Wareegama Raayyaa Ittisaa dhalootatti dabarsuuf hojjetamaa jira-F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Bitootessa 14, 2016 (FBC)-Wareegama gootummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa dhalootatti dabarsuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan ibsan.

Fiilmiin “Sile Innaat Midir” bakka Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad argamanitti eebbifameera.

Sirnicharratti Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan akka jedhanitti Itiyoophiyaanonni seenaa hedduu qabaatanis seenaan gootummaa isaanii qixaan hinbarreeffamne jedhan.

Fiilmiin waggaa lama fudhate seenaa Itiyoophiyaanota dhalootatti dabarsuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsan.

Seenaan Raayyaa Ittisa Biyyaa bifa kanaan wayita barreeffamu kan jalqabaa ta’uu eeruun, kanaan dura kitaabni adeemsa olaantummaan seeraa kabachiisuu Kutaa Kaaba biyyattiirratti xiyyeeffate maxxanfamuu yaadachiisan.

Fiilmiin “Sile Innaat Midir” waa’ee wareegama gootummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa dhalootatti dabarsuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuuf agarsiistuudha jedhaniiru.

Namoota beekumsa qabaniin kan hojjetamee fi seenaa dhugaarratti xiyyeeffatee deeggarsa Raayyaa Ittisaan kan qophaa’e ta’uu eeranii, fiilmichi haqa waraana keessa ture dhalootatti dabarsuuf malee kaayyoo biraa kan hinqabne ta’uu himaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.