Fana: At a Speed of Life!

Weerarri COVID -19 rakkoo fayyaa sammuu uumuu danda’a jedhame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2012 (FBC) – Dhaabbannii Mootummoota Gamtoomanii weerarri vaayrasii koroonaa dhiibbaa xiinsammuu hamaa fiduu akka danda’uu akeekkachiisan.

Dhaabbatichi weearri COVID -19 namoota hedduurratti dhiphinaa fi qofummaan akka dhiphatan waan taasisuuf fayyaa sammuurratti dhiibbaa cimaa qaqqabsiisa jiraachuu ibsaniiru.

Kanafiis dhibeechaaf caalmaatti saaxilamoo kan ta’an ogeeyyoota fayyaa, hojjeettoota hojiin ala jiran, maanguddoota, warreen mana keessatti ijoollee qo’aachisaan ta’uu himameera.

Kanarra darbees biyyoonni hedduu yeroo dheeraaf invastimantii kunuunsa fayyaa sammuurratti taasifamu hir’isuu isaanii dhaabbatichi dubbateera.

Rakkicha furuf sanada poolisii Kamisaa darbe gadi dhiifame irratti dhaabbanni mootummoota gamtoomanii, biyyoonni weeraricha ittisuuf karoorasaanirratti fayyaa sammuu, deeggarsa xiinsammuu fi hawwasuumma akka hammachisaniif waamicha dhiyeessaara.

Waamichichis fayyaan sammuu hawaasaa fi hojjettoota murteessa ta’u ibsun, tarkanfiin kun yoo hin jiraatiin addunyaa rakkoo fayyaa sammuu hamaaf ni saaxilamti jedhaniiru.

Madd:-BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.