Fana: At a Speed of Life!

Weerarri vaayrasii koroonaa sadarkaa yaaddessarra ga’eera – Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Adoolessa 8, 2012 (FBC) – Weerarri vaayarsii koroonaa sadarkaa yaaddessaarra waan ga’eef hawaasni of eeggannoo cimaa taasissuu akka qabu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan yaadachiisan.

Dooktar Liyaan haala weerara vaayrasii koroonaa ilaalchisuun ibsa laataniiru.

Ibsa isaaniin erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa galee qorannoo laabraatoorii namoota kuma dhibba 2 fi kuma 97 fi 542 taasifameen vaayrasichi namoota kuma 8 fi 181 irratti argamu himaniiru.

Yeroo duraa namoota kuma 1 irratti argamuuf guyyoota 79 kan itti fudhate yoo ta’uu, baatii lamaan booda garuu guyyoota 9 keessatti namoota kuma 1 irratti muul’ateera jedhan.

Kunis weerarrichi daraan dabalaa jiraachuu isaa agarsiisa jedhan.

Oduu gaariin ammoo lakkoofsi namoota dhibicharraa dandamatanii dabalaa dhufuudha jedhan.

Lakkoofsi namoota dhibichaan lubbuun isaanii darbaa jirus biyyoota biroon yoo madaallame gadi aanaa ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaatti dagannaan qaama hunda biratti muul’atu weerarrichi daraan akka hammaatu taasisuu danda’a waan ta’eef hawaasni of eeggannoo cimaa taasisuu akka qabu hubachiisaniiru.

Ityoophiyaatti hanga ammaattii lubbuun namoota 146 darbeera.

Namoonni kumni 4 fi 717 ammoo dhibicharraa dandamataniiru.

Namoonni kumni 3 fi 116 yaalarratti kan argaman yoo ta’u, namoonni 34 ammoo wallaansa cimaa keessatti argamu.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.