Fana: At a Speed of Life!

Ooyruun Misoomaa Hundagaleessa Waldaa Misooma Kunuunsa Daa’imman Abbabach Goobanaa Yuunivarsitii Amboof dabarfamee kenname

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Ooyruun Misoomaa Hundagaleessa Waldaa Misooma Kunuunsa Daa’imman Abbabach Goobanaa Yuunivarsitii Amboof dabarfamee kenname.

Ooyruun Misoomaa Hundagaleessa Waldaa Misooma Kunuunsa Daa’imman Abbabach Goobanaa kan ta’e naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee keessatti kan argamu waggoota 30 oliff tajaajila kennaa ture Yuunivarsitii Amboof dabarfamee kennameera.

Daayrektarri Waldichaa Obbo Isheetuu Araddaa bakka hoggantoonni federaalaa, naannoo fi godina jiranitti Preezdaantii Yuunivarsitii Amboo Dooktar Taaddasaa Qana’aaf dabarsanii kennaniiru.

Obbo Isheetuun walitti kenninsa booda haasaa taasisaniin akka jedhanitti, hundeessituu fi abbaa qabeenyumman waldichaa Dooktara Kabajaa Abbabach Goobaanaatiin waggoota 30 dura kan hundaa’e yoo ta’u, hawaasa naannichaa jireenya gadaanaa jiraatan gargaaruufi.

Wayita sanattis hawaasni naannichaa hojiilee jallisii, tajaajila ibsaa baayogaziin hojjetu uumuun kuduraa fi muduraa misoomsanii jireenyasaanii itti gaggeeffachaa turaniiru jedhu.

Wayita sanatti abbaa warraan 247 jallisiirra fayyadamoo ta’uu danda’aniiru.

Dabalataanis qotiyyoowwan 68, sanyii filatamaa fi leecalloowwan adda addaa walidichi kennuusaa himaniiru.

Akka Dhaabbanni Prees Ityoophiyaa gabaasetti haala amma jiruun waldichi humna amma qabuun waldicha bulchuuf waan hin dandeenyeef yunivarsitii Ambootti kennamuusaa himanii, yunivarsitichis haala gaariin gaggeessa abdii jedhu akka qaban dubbataniiru.

Preezdaantiin Yuunivarsitichaa Dooktar Taaddasaa Qana’aa gamasaaniin, waldichi tajaajila kennaa ture itti fufsiisuuf caalaatti ni hojjetama jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.