Fana: At a Speed of Life!

Xaa’oon alarraa geejjibsiifame Kuntaala miiliyoona 4.3 qaqqabuun ibsame

Finfinnee, Muddee 20, 2016 (FBC)- Xaa’oon alarraa geejjibsiifame Kuntaala miiliyoona 4.3 qaqqabuu Koorporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Itiyoophiyaa beeksise.

Koorporeeshinichi bara oomisha 2016/2017 xaa’oo biyyee biyya alaarraa bitame keessaa hanga Mudde 20, 2016’tti xaa’oo kuntaallii miiliiyoona 4 fi kuma 380 marsaa sagaliin buufata Doonii Jibuutii qaqqabuu ibseera.

Guyyaa har’aas dooniiwwan Xaa’oo NPS kuntaalaa kuma 550 fi NPS Booroon fe’an buufata Jibuutii qaqqabuun eerameera.

Kana hordofees xaa’oo biyyee alarraa geejjibsiifaman kuntaalaa miiliyoona 4 fi kuma 380tti guddachuu eerameera.

Kana keessaa hanga ammaatti xaa’oo kuntaala miiliyoona 3 fi kuma 618 fi 212 Buufata Dooniirraa gara biyya keessaatti geejjibsiifamuun, karaa waldaalee bu’uuraan Qonnaan Bultootaaf raabsamuun ibsameera.

Fuuldurattis dooniiwwan xaa’oo NPS, NPS Booroon fi Yuuriyaa kuntaala miiliyoona 2 fi kuma 90 fe’an buufata Jibuutii akka ga’an ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.